Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Barri Darbe Kun Baqattootaaf Hammaataa ture’


Faayilii - Mooraa Baqattootaa Dadaab
Faayilii - Mooraa Baqattootaa Dadaab

Keeniyaa magaala Naayroobii, akkasumas buufata baqataa Dadaab fi Kaakumaa jedhaman keessa baqattoota dhalooteen Oromoo hedduutu jiraatu.

Baqattoonni kun waa’ee waggaa darbe bara 2020 yoo dubbatan, barri darbe kun maruma biyyaaf hamaa ta’us baqattootaaf garuu irra ulfaataa ture jedhu. Ayyaanaa Mokonnin baqataa Oromoo Naayroobii ganna 6’f jiraatedha. Akka bara darbe kanaa abdii kutadhee hin beeku jedha.

‘Barri Darbe Kun Baqattootaaf Hammaataa ture’
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:35 0:00

Ayyaanaan, bara darbe bara 2020 keessa sababa weerarri dhibee Kooronaa mudateef hojii hojjetee ittiin of bulchullee akka dhabe, mana kiraa kaffaalchuus waan dadhabeef ‘Haga daandiirra buluu’ gahee akka ture hime. Kana qofaa miti Ayyaanaan, carraan baqattootaaf kennamu carraan biyya sadaffaatti qubsiifamuu sababuma weerara vaayresii Kooronaan jelaa duubatti harkifamuu dubbate.

Naayroobiin male dhalattoonni Itiyoophiyaa kuma hedduun lakkaa’aman ammas buufataalee baqattootaa Keeniyaa Dadaab fi kaakumaa jedhaman keess ni jiraatu.

Kaaba Baha Keeniyaatti argamu Kaampii Dadaabitti bakka bu’aa baqattootaa ka ta’anis barri darbe kun baqattoota keessumaa buufata baqataa keessa jiraataniif hedduu rakkisaa ture jedhan.

Yoo dubbatan bakka bu’aan kun, bara dhibeen addunyaa jeeqe kana keessa baqattoonni gargaarsa dhabanii akka rakkataa turan, manni abrnootaa fi bakki name itti wal gahus waan cufameef anami dhiphian sammuuf saaxilamellee jedhan.

Keessumaa, garagaarsi yeroo kana baqattootaaf dhiyaataa ture xinnaa akka tahe, kunis baqattoota madda galii biraa hin qabne hedduu rakkoof saaxilee jedhan.

Abdii Ibraahimis dhalataa Oromoo buufata baqataa kaakumaa gannaa 10 oliif jiraatedha. Innis, weerarri Vaayresii Kooronaa barana mullate ittuu baqataatti jireenya hammeesse jedhe.

Abdiin jiruu moo’uuf mana namaatti galee hojjechuu akka yaale, sanas yaalee akka isaaf hin guunnellee dubbate.

Jaarmayaa mootummootaatti dameen tumsa gargaarsa baqattootaa UNHCR, baqattootaaf gargaarsa midhaan nyaataa karaa dhaabbata garagaarsaa WFP dhiyeessa. Dhaabbatichi onkoloolessa darbe kana sababa hanqina maallaqaa isa mudateef gargaarsa baqattootaaf kennaa ture hirrisuu beeksiseera.

UNHCR akka jedhutti ammas Keeniyaan keessa baqattoota dhalooteen Itiyoophiyaa ta’an kuma 28 oltu jiru.

XS
SM
MD
LG