Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kampaniin Chaayinaa Talaallii COVID-19 Oomishuf Ayyama Argate


Talaalliin COVID-19 kampanii Chaayinaa dawaa oomishuun qophaa’e mootummaa Chaayinaan kan raggaasisame isa jalqabaa ta’ee jira.

Bulchiinsi oomishaalee eegumsa fayyaa mootummaa har’a akka beeksisetti

Dawaa Beijing Biological jedhamuun qophaa’e raggaasisee jira. Dhaabbatichi eeyama kana kan kenne talaalliin sun yaalii bal’aan erga geggeessamee booda dhibba irraa harka 79.8 bu’a qabeessa ta’uu isaa erga mirkaneessee guyyaa tokko booda.

Haa ta’u malee hayyoonn, kan dhaabbati Siinoofaarm jedhu kana sababa galmee dhuunfaan mirkanaa’e hin dhiyeessineef gaaffii keessa galchanii jiran.

Talaalliin haaraa raggaasisame kun erga baatii Adoolessaa as hojjettoota dalagaatti boba’uun dirqii ta’ee fi kanneen dhibee vaayiresichaa irraa akka hin hafne isaan taasisu qaban miliyoona 4.5f kennamee jira. Beejiin hanga walakkeessa baatii Guraandhalaatti uummata miliyoona 50 tallaaluuf karoorsitee jirti.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG