Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abuunichi Kaatolika Roomaa Sababaa Dhukkubbii Miilla Isaaniin Tajaajila Ayyaanaa Geggeessuu Dhaban  


Faayilii - Abuunicha kaatolika Roomaa Pope Francis
Faayilii - Abuunicha kaatolika Roomaa Pope Francis

Abuunichi kaatolika Roomaa Pope Francis sababaa miilla isaanii mirgaa dhukkubsateef jech tajaajila jala bultii ayyaana waggaa fi kan guyyaa ayyaana waggaa hin geggeessan.

Kan umuriin waggaa 84 abunichi sababaa haala fayyummaa isaaniif jecha sirna qophaa’u irratti hin argamin hafuun isa jalqabaa ti. Abunichi sirna kana har’a galgala geggessuutu isaan irra ture.

Tajaajilli xumura waggaa kan geggeessamu kaardinaal Jovaanii Battistaa Re-tiin yoo ta’u, tajaajilli jimaata borii immoo itti gaafatamaa haajaa alaa Vaatikaan Cardinal Pietro Parooliin geggeessamuuf jira.

Abnichi kaatolika Roomaa yeroo tokko tokko deemuuf illee kan rakkatan yoo ta’u sababaa dhukkubbiin itti dhaga’amuuf wal’aansa fudhataa jiraachuun himamee jira.

XS
SM
MD
LG