Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Barattoota Naayijeeriyaa 300 ol Dhiheenya Butamanii


Faayilii -Meeshaa barnootaa ijoollee mana barumsaatii butamanii
Faayilii -Meeshaa barnootaa ijoollee mana barumsaatii butamanii

Biyya Naayijeeriyaa, kutaa Katsiinaa keessaa barattoota 300 ol dhiheenya butamanii fudhatamaniif, gareen fiinxaalessa Islaamummaa – Bokoo Haraam itti gaafatama fudhachuun, gurmuun kun gochaa shororkeessummaa isaa bakka dur maadheffatee jiru – Afrikaa Kaaba Bahaa irraa alatti babal’ifachuu isaa agarsiisa, jechuun hayyoonni akeekkachiisaa jiran.

Hoogganaan Bokoo Haraam, Abbubakar Sheekuu, Mudde 11 dabre kana waraabbii haasawa isaa facaaseen, barattoota magaalaa Kankaaraa, ka kutaa Kaatsinaa keessaa butamaniif gareen isaa kan itti gaafatama fudhatamu tahuu beeksisan. Tahus, barattoonni ijoolleen dhiiraa hidhattootaan butaman sun guyyoota baay’ee dhaa booda gad lakkisaman.

Barattoota butaman sanaaf gareen Bokoo Haraam itti gaafatama fudhates dhiises, nagaa fi tasgabiin Naayijeriyaa Kaabaa keessaa yaaddessaa tahuu isaas gochaan kun mallattoo akka tahe dubbatan, hayyoonni kun.

Kan Naayijeriyaa keessa maadheffatee fi mootummaa Islaamummaa uumuuf waggoota kurna dabreef waraansa lootee seentummaa geggeesse – gareen Bookoo Haraam, haga ammaatti lubbuu namoota kuma soddomii jahaa galaafatee, kanneen miliyoonotatti lakkaawan immoo manaa fi qehee irraa buqqise – jedhama.

XS
SM
MD
LG