Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartiin Akka Fakkeenya Milkaa'ina Jireenya Baqattotaatti Ilaalaman Xaaliyaanii Keessatti Ajjeefaman


Aaddee Aagituu Guddataa, ka dhiheenya Xaaliyaanii keessatti ajjeefamte (Suuraa: fuula Feesbuukii Aagituu)
Aaddee Aagituu Guddataa, ka dhiheenya Xaaliyaanii keessatti ajjeefamte (Suuraa: fuula Feesbuukii Aagituu)

Robii darbee jechuun Muddee 30 bara 2020 biyya Xaaliyaanii keessa baqattuu ta'uun kan jiraattu Aaddee Aagituu Guddataa mana ofii keessatti duutee argamuu polisiin Xaaliyaanii ibsee jira.

"Lammii biyya Gaanaa kan Aaddee Agituuf hojjataa tureetu ajjeesuun gudeedee," kan jedhu polisiin Xaaliyaanii namnii gocha kana raawwate to'annaa jala ooluu beeksise.

Aaddee Aagituun ammaan dura gaazexxessotaaf akka ibsanti dhalattonni biyya Xaaliyaanii tarkaanfii hinaaffaa kan irratti fudhatan ta'u fi garuu namnii jabaatee hojjate injifatee akka ba'u ibsanii turan.

Xaaliyaanti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Obbo Dassaaleeny Makonnin gadda itti dhaga'ame ibsanii Aaddee Agituun aadaa biyya ormaatti madaqanii hojii gaarii gaggeessauun nama beekaman jedhan.

Xaaliyaaniin uggura weerara vaayrasii Koronaa jala jiraattuus haga danda'ameetti waa'ee sirna awwaalchaa, namichii yakka raawwate murtii argachuu fi waa'ee qabeenyaa Aaddee Agituu maatii wajjiin dubbanna jedhan.

Waldaan hawaas Oromoo magaalaa Romaa fi naannoo ishee gadda itti dhaga'ame ibsuun Laftii Aaddee Agituun itti lubbuu dhaban kaaba biyyatti baadiyyaa keessa ta'u ibsuun akka yaadameetti waan irra eegamuuf danqamuu dubbatee jira.

Dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa(UNHCR) gama isaan ibsa baaseen duutii Aaddee Agituu Guddataa kan nama dhukkubsuu jedhee hojiin jabinaan hojjataa turte baqattonni hawaasa isaan simatee keeessatti kan gumaachan agarsiisa jedha.

Jireenyii Aaddee Agituu haala akkasiin darbuun gaddisiisaa ta'uus akka mallattoo fixaan ba;uumsaatti kan galmee irra ka'amuu kan jedhe dhaabnii baqattootaa kun hawaasa hin beekne keessatti hojjachuun akka danda'amu kan agarsisuu fi baqattoota biyya namaatti jireenya haaraa jalqaban kan jajjabeessu jedhee jira.

Dubartiin Akka Fakkeenya Milkaa'iina Jireenya Baqattotaatti Ilaalaman Xaaliyaanii Keessatti Ajjeefaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:23 0:00


Gabaasa Guutuu Caqasaa.

Kana irratti jaallanneen itti gaafatamaa hawaasa oromoo magaalaa Romaa fi naannoo ishee Obbo Mohammed Aagaa fi odeeffannoo kanneen biroo dabaluun kan qindeessite qabdi. Kunoo

XS
SM
MD
LG