Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Hookkara Roobii Dabre Waajira Mana-maree Biyyattiirratti Geggeessametti Aaruu Isaanii Dubbatan 


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis dhaamsa isaanii kaleessa galgala Viidiyoodhaan tamsaasameen, yeroo deggertoonni isaanii gidduu kana humnaan waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetisitti girrisanii seenan, hookkara, seera-dhablummaa fi jeeqama uumametti aaruu isaanii dubbatan.

Prezidaant Traamp Hookkara Roobii Dabre Waajira Mana-maree Biyyattiirratti Geggeessametti Aaruu Isaanii Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:53 0:00

Manni-maree Yunaayitid Isteetis yokaan Koongiresiin ba’ii filannoo prezidaantummaa bara kanaa raggaasisuu isaallee dubbatan. Garuu, akka xumura filannoo prezidaantummaa Ameerikaatti namni filannnoo injifatame isa injifateen baga gammadde jedhee haasawa godhutti, filatamaa prezidaantummaa Joo Baayideniin baga gammadde hin jenne - Traamp.

Kaleessuma, viidiyoo prezidaant Traamp dura immoo filatamaan prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis, Joo Baayiden haasawa prezidaanticha balaaleffatu dhageessisanii turan. “Jalqaba irraa kaasee dhaabbatoota sirna diimookiraasii keenyaa irratti haleellaa guutuu geggeesse. Kaleessa immoo, halellaa isa xumuraa raaw’ate,” jedhan – Baayiden.

Hookkara dheengaddda waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetisitti geggeessame sanaaf prezidaant Traamp akka taayitaa irraa kaasaman gaaffiilee baay’ataa deeman ilaalchisee garuu homaa hin dubbanne.

Kan Mana-maree murtii seeraa yokaan Senetii Yunaayitid Isteetis keessatti hoogganaa paartii sagalee yayyabaa tahu jedhamee eegamu – Chak Shuumerii fi afo-yaa’ii Mana-maree Naansii Peloosii dabalatee bakka-bu’oonni hedduun akka fooyyeessama heera Ameerikaa 25tti akka prezidaant Traamp taayitaa irraa kaasaman gaafataa jiran.

Gabaasaa guutuu caqasaa

XS
SM
MD
LG