Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Itiyoophiyaa Keessaa Yaaddessaa Dha: Liindaa Toomaas-Griinfiild


Ambaasaddar Liindaa Toomaas-Griinfiild
Ambaasaddar Liindaa Toomaas-Griinfiild

Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaddarummaa Yunaayitid Isteetisiif Prezidaant Baayideniin ka filataman, Liindaa Toomaas-Griinfiild, haalli Itiyoophiyaa keessaa kan isaan yaaddessu tahuu dubbatan.

Mana-maree Murtii Seeraa Yunaayitid Isteetisitti, Koreen Hariiroo Alaa kaadhimama isaanii raggaasisuuf qorannaa geggeesse irratti dhihaatanii ennaa dhugaa-bahan, kan Koomishinni Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa, waraansa Tigiraay keessatti geggeessame irraa kan ka’e hiraarsa uummataa geggeessamaa jira – jedheen wal-qabsiisuun gaaffii dhihaateef deebii kennaniin kana dubbatan,Toomaas Griinfiild.

“Waggoota sadii dura biyya kana jajaa turre. Hooggantuu biyyattii haaraa jajaa turre. Uummata biyyattii gara badhaadhinaatti geessuuf carraalee jiran ilaallee jajaa turre.

Amma garuu uummatuma isaanii irratti waraansa keessa seenanii jiru, ” ka jedhan – Tokkummaa Mootummootaatti, kaadhimamtuun Ambaasaaddaraa Yunaayitid Isteetis haaraa kun, Tokkummaan Mootummootaa dhimma kana ofitti fudhatee akkaataa itti deebii kennu ilaaluun barbaachisaa akka tahe dubbatan.

Haalli jireenya namoomaa Tigiraay keessaa yaaddessaa tahuu ka dubbatan, Liindaa Toomaas-Giriinfiild, “Maal akka Tigiraay keessatti ta’aa jiru ilaaluuf akka hojjetoota gargaarsaa fi jaarmayaaleedhaaf ulaan saaqamee haalli miijessamu taasisuu qabna. Itti fufuee immoo, prezidaantii fi muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa waliin waan achitti tahaa jiru ilaalchisee marii dhugaa irratti hundaa’ee fi banaa tahe geggeesuu qabna, jedheen yaada,” jedhan.

Itti-fuudhaanis, “wanna gochaa jiran kana akka dhaaban, waraansa akka dhaaban fi haala achitti deemaa jiru gara xumuraatti akka fidan, itti cichinee tarkaanfiilee barbaachisan hunda fudhachuu qabna, jedhan, Tokkummaa Mootummootaatti, Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteetis haaraan kun.

XS
SM
MD
LG