Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Finfinnee Namoota Dhaddacha Jawaar Mohammad’faa Daawwachuu Deeman Keessaa 80 Ol Hidhuusaa Dubbate  


(Suuraa Faayilii)
(Suuraa Faayilii)

Roobii dabre yeroo namoonni siyaasaa Koongiresa Federaalawa Oromoo Obbo Jawaar Mohammed fi Obbo Baqqalaa Garbaa faa mana-murtiitti dhihaatanii turan, namoonni kurna hedduun uffata keelloo uffatanii dhaddacha hordofuuf dhufuu isaaniitiin namoonni kun hidhaman, jedhu maatii namoota qabamanii keessaa.

Daarektarri Koomiyunikeeshinii Koomishinii Poolisii Finfinnee immoo, “poolisiin namoota uffata keelloo uffachuun jeeqama kaasanii, mootummaa irratti dhiibbaa gochuu yaalan 81 hidhe,” jedhan.

Kanneen hidhaman sana keessaa 33 gad-lakkisamuu isaanii fi kanneen hafan 48 irratti qorannaan kan itti fufee jiru tahuullee dubbatanii jiran.

XS
SM
MD
LG