Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroo Taayitaa Prezidaantii Somaaliyaa Waan Dhumateef Mormitoonni Prezidaant Farmaajoo Beekkannaa Dhorkatan 


Paartileen mormituu Somaaliyaa kan yeroo Taayitaa isaanii kaleessa xumuran prezidaantii biyyattii kana booda akka itti fufee biyyattii bulchu hin eehamnu jechaa jiru.

Ameerikaa dabalatee michoonni Somaaliyaa kan sadarkaa addunyaa falmii siyaasaa fi filannoon prezidaantummaa fi paarlaamaa biyyattii boodatti harkifachu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaa jiran.

Yeroon aangoo prezidaanti Mohaammed Abdullaahii Farmaajoo Wixata kaleessaa Guraandhala 8 kan dhumate yoo ta’u, kaadhimamtoonni prezidaantummaa kan gamtaa wal taatota garee mormituu gama dubbi himaa isaanii Reedwaan Hajii akka ibsanitti Farmaajoo akka hoogganaa biyyaatti beekkannaa hin kenninuuf jedhan.

XS
SM
MD
LG