Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganoota Amantii fi Maanguddoota Biyyaa Maqalee Keessatti Marii Gaggeessan


Gareen hogganoota amantii fi maanguddoota biyyaa 40 of keessaa qabu Wiixata darbee gara Maqaleetti imaluun kaleessaa fi har'a marii gaggeessuun isaa beekamee jira. Mariin kunis ogeeyyii bulchiinsa yeroo kan Tigraay, jiraattoota magaalatti hanga tokkoo fi nsmoota manaa fi qe'ee ofii irraa godaanan waliin ture.

Tigraayiif gargaarsii dhala namaa kan haatattamaa akka barbaachisuu, waraanni Ertraa Tigraay keessaa ba'u akka qabu, lafa Tigraay kan bulchiinsii naannoo Amaaraa qabatee jiru akka gadhiisuuf hrmaattonni walgahichaa gaafachuu isaanii Gumii Dhaabbattoota Amantii Itiyoophiyaaf barreessaa kan ta'an Qasiis Taagaay Taddalaa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsanii jitu.

Gareen kun hunduu wal tumsee gargaarsa haatattamaa dhaqqabsisuu akka danda'uu, kanaafis jabinaan akka hojjatan, gaaffiilee dhiyaatan immoo mootummaa Federaalaatti kan dhiyeessan ta'u Qasiis Taagaay dubbatanii jiru.

Gama kaaniin Abbootiin amantii fi maanguddonni biyyaa akkasumas kanneen biroon yeroo Tigraay keessatti wal waraansii gaggeeffamaa ture deggersa gochaa turan amma immo maqaa gargaarsaan

Maqalee seenuu isaanii mormuun waamiicha guyyaa sadiif gama Marsariitiin dhiyaatee irratti hirkachuun kaleessaa fi har'a manneen daldalaa irra hedduun cufamuu akkasumas naannoo hanga tokkotti daandileen cufamanii Gommaan gubamaa akka ture beekamee jira.

Bulchiinsa yeroo Tigraayiif dhaabatee keessatti itti gaafatamtuu waajiira qunnamtii kan ta'an Aaddee Iteenesh Niguusa RSA akka ibsanti maanguddonni biyyaa fi abbootiin amantii gara magaalaa Maqalee kan dhufan Tigraay maal keessa akka jirtu hubatanii qaama furmaata ta'uun gargaaruuf akka ta'e dubbatan.

Kanaafis jecha rakkoo jiru akka gaariitti hubatanii jiru jedhan.

XS
SM
MD
LG