Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itoophiyaa Waadaa Seene Kabajuu Qaba: Amnestii


Mootummaan Itiyoophiyaa gargaarsi namoomaa akka naannoo Tigiraay dhaqqabu gochuuf waadaa seene kabajuu qaba, jechuun Amnestii Internaashinaal, ibsa har’a baasee gaafatee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa, hojjetoonni gargaarsaa akka naannoo Tigiraay, bakka uummatni gara miliyoona sadiitti lakkaaaawamu sababaa waraaansaan miidhamee gargaarsa barbaadu seenan, bal’inaan eyyamuuf waadaa seenuu isaa ilaalchisuun jaarmayaan isaanii ibsa kana baasuu isaa – Amnestii Internaashinaalitti Daarektarri itti-aantuun Afrikaa Bahaa, Gaanfa Afrujaa fi Biyyoota naannoo Haroo guguddaa – Saaraa Jaakson ibsanii jiran.

“Baatiilee sadeen dabraniif, gidiraan namoomaa guutummaatti Tigiraay keessatti dhaqqabe, mootummaa karaa ittiin seeninsaa kennuu dhabuu irraa, tajaajilli interneetii fi bilbilaa cituu irraa otuu hin beekamiin ture,” ka jedhan, hooggantuun Amnestii Internaashinaal kun, “aangawoonni mootummaa Itiyoophiyaa akka akka hojjetoonni gargaarsa namoomaa fi ka mirga dhala-namaa uummata Siivilii Tigiraay keessaa jireenyi isaanii waraansaan mancahe dhaqqaban gochuuf, wanneen barbaachisan hunda raaw’achuu qaban, jechuun hubachiisan.

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG