Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoojjettonni Gargaarsaa Naannoo Tigraayitti Imaluuf Eeyamni Kenname: Tokkummaa Mootummootaa  


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Dhaaboliin gargaarsaa kan tokkummaa mootummootaa hojjettoonni gargaarsaa ka sadarkaa addunyaa 25 gara Tigraayitti akka imalan har’a mootumaa biraa eeyama argatee jira.

Hoojjettonni Gargaarsaa Naannoo Tigraayitti Imaluuf Eeyamni Kenname: Tokkummaa Mootummootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:41 0:00

Fedhii bu’uuraa naannoo sanaa guddataa adeemeen hojjettoonni grgaarsaa naannoo Tigraay keessaa gargaarsa kennan akka saffisaniif eeyamni kun tarkaanfii jalqabaa ti.

Itti aanaa barreessaa dhimmootii nageenyaa fi nagaa Gilles Michaud fi komiishinera ol aanaa dhimma baqattootaa Gilippoo Graandii dhiyeenya immoo daayirktera ol aanaa sagantaa nyaata addunyaa David Beasley dabalatee angawoonni sadarkaa ol aanaa kan tokkummaa mootummootaa yeroo dhiyoo as mootummaa Itiyoopiyaa waliin marii bu’a qabeessa geggeessaniiru.

“Haalli Itti Hawaasaalee Miidhaman Itti Dhaqqaban Fooyyessamuu Qaba,”

Karaa biraatiin, Tokkummaa Mootummootaatti, Sagantaa Nyaata Addunyaa, ka damee biyya Itiyoophiyaaf daarektara ka tahan, Isteeven Omaamoo, mootummaan Itiyoophiyaa akka Tokkummaa mootummootaa gargaarsa nyaataa gara Tigiraayitti ergu eyyamuu isaa dubbatanii jiran. Garuu, ammallee “haalli itti hawaasaalee miidhaman itti dhaqqaban fooyyessamuu qaba,” jedhan.

Namoonni gargaarsi isaan barbaachisu miliyoona lamaa fi walakkaa dhaa jalqabee hanga miliyoona afurii fi walakkaatti, maddeen adda addaatiin waan himamuuf, lakkoobsi sirriin meeqa akka tahe beekuun rakkisaa tahuu dubbatan – Mr. Omaamoon.

Daarektarri ol’aanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa, Deevid Bislii fi Ministarri Nagaa kan Itiyoophiyaa, Muferiyaat Kamiil, dhuma torbanii irra gara Tigiraayitti himaluun, uummata naannoo sana keessaa gargaarsa barbaaduuf deebii barbaachisu kennuuf, waahilummaa hojii cimaan ka barbaachisu tahuu agarsiisa, jechuu isaanii – Melleskaachew Ammahaa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG