Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigiraay Keessatti Dubartoonni Humnaan Gudeedamuu Ragaan Agarsiisu Argadhe: Koomishina Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa


Komiishinni Mirga Namoomaa Itiyoopiyaa Hospitaalota Maqalee, Ayder, Addigiraatii fi Wuqiroo irraa raagaa argadhe jedhe irratti hundaa’uun baatilee lamaan darban keessatti qofaa dubartoota 108 ta’an irratti yakki humnaan gudeeddii raawwatmuu isaa ibsa baaseen beeksisee jira.

Tigiraay Keessatti Dubartoonni Humnaan Gudeedamuu Ragaan Agarsiisu Argadhe: Koomishina Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:29 0:00

Koomishina Mirga Namoomaa Itiyoophiyaatti, gorsaa ol’aanaan dhimma hordoffii mirga namoomaa, Obbo Misgaanaaw Mulugeetaa, haala mirga namoomaa Tigiraay keessaa ilaalchisee ibsa Koomishinichi baase irratti gaaffii fi deebii Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, eenyu

akka miidhaa kana geessise Koomishinichi waan adda baafate yoo jiraate gaafatamanii “nuti dhaabbata mirga namoomaa ti.

Akka ijootti dhaabbatoota fayyaa, namoota miidhaan irra gahee fi bulchiinsa yeroof hundeeffame haasofsiisuudhaan ragaalee kana walitti qabuu dandeenyee jirra. Kanatti aansee egaa, miidhaalee gabaasaman qoratee eenyu tu raaw’ate, yoom raaw’atame?

Kan jedhu qoratee itti-gaafatama seeraatti dhiheessuu kn qamu qaamni mootummaa ni jira. Eenyu tu raaw’ate ka jedhu adda baafatee itti gaafatamuu isaanii mirkaneessuu qaba”jedhan.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG