Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Itiyoopiyaa Akka Milkaahu Qaamni Itti Hirmaatu Qooda Gama Isaa Ba’uu Qabu: Mana Maree Walii Ka Paartilee Siyaasaa 


Filannoon marsaa ja’affaan kan baatii Caamsaa dhufuu Itiyoopiyaa keessatti geggeeffamuuf saganteeffame walaba, madaalawaa fi karaa nagaan geggeeffamuu akka danda’uuf paartileen siyaasaa fi kanneen dhimma kana keessaa harka qaban waan danda’an mara gochuu akka qabaniif manni maree walii kan paartilee siyaasa Itiyoopiyaa gaafatee jira.

Filannoo sana dura walii galtee sadarkaa guutuu biyyaa irra ga’uuf qophiileen geggeeffaman jiraachuus ibseera.

Miseensonni bulchiinsa mana marichaa har’a waaree irratti ibsa tuuta oduuf kennaniin barreeffama mata duree “walaba, madaalawaa fi karaa nagaa fi walii galtee sadarkaa guutuu biyyaa” jedhu dhiyeessaniiru.

Ibsi sun akka jedhutti manni maree gamtaa sun baatii Caamsaa bara 2103 kan geggeeffamu filannoon walii galaa kan nagaa haqaa fi wlabaa akka ta’u akka ta’uuf waan danda’e mara gochuuf qophaa’aa jiraachuu beeksise.

Milkaa’ina filannoo sanaaf paartileen polotiikaa, mootummaa, boordiin filannoo biyyoolessaa fi qaamotii dhimmi ilaalu waan isaan irraa eegamu akka godhaniif waamicha dabarseera.

XS
SM
MD
LG