Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xiqqaaleen Gosoota Maaynamaar Hiriira Mormii Farra Bittaa Waraanaatti Makaman 


Gosoonni sabxiqqaaleen ennaa hedduu dhiibbaan irra ga’u kan Maaynamaar har’a hiriira mormii waraana biyyattii mootummaa siivilii aangoo irraa fonqolche kan guyyaa ja’affaa qabatetti makamanii jiran.

Miseensonnni gosa kanaa Karen, Rakhinee fi Kahchin huccuu halluu addaa kan amantii isaanii mul’isu uffachuu dhaan mormii daandilee Yangoon irratti geggeessamu irratti argamanii jiran.

Waraanni Maaynamaar gaaffii isaanii ofiin of bulchuu ukkaamsuuf jech gareelee gosoota biyyattii irratti fuuleffataa ture. Hiriirtonni mormii sun gamas kan dhaqan bulchiinsi waraanaa hooggantuu dhugaa Aan Saan Suu Shii aangoo irraa kaasuu dhaan aangootti cichuu erga itti fufee booda.

Miseensonni Leegii biyyoolessaa kan paartii dimokraasummaa Aan Saan Suushii hidhaman keessaa gargaaraa kan ta’an Kyaaw Tint Swe tokko yoo ta’an mana isaaniitii humnootii naga eegumsaan to’annaa jala oolan. Hoogganni komiisina filannoo Maaynamaar illee to’annaa jala ooltuutu gabaasame.

Kommiishinichi kan waraanni filannoo baatii Sadaasa keessa geggeessame wal dha’e jedhu fudhatama dhabsiise.

Waraanni biyyattii labsii yeroo hatattamaa kan waggaa tokkoo labsii jira. kan mana ofii keessaa akka hin baane ugguraman Aan Saa Suu Shii raadioyoo itiin wal quunnaman kan seeraan alaa ja’a kan ennaa manni isaanii sakatta’ame argame himannaa jedhuutu irratti dhiyaate.

XS
SM
MD
LG