Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senetiin Yunaayitid Isteetis Haleellaa Biilsa Mana Maree Kan Amajjii Ja’aa Keessatti Qoodi Tramp Maal Akka Ta’e Qorachuu Jalqabe


Seenaa Yunaayitid Isteetis keessatti yeroo jalqabaaf prezidaantiin duraanii yeroo lama senetii dhaan yakka ilaalchaaf akka dhiyaatu murtaa’e. Doonaald Tramp hookkara kakaasan jedhamuu dhaan himannaan irratti dhiyaate. Kijibaan filannoo bara 2020 anatu injifate jechuun labsuu dhaan Tramp deggertoonni isaanii ba’ii filannoo Joe Baayideniif beekkannaan akka hin kennamne akka morman kakaasan.

Sagalee dimokraatotaa irra jireessa kan qabuuf dura taa’aa kan ta’an Chuck Schumer akkaa jedhanitti “Seenaa Ameerikaa keessatti himannaalee cimoo prezidaantii Yunaayitid Isteetis irratti dhiyaate.”

Hookkara Amajjii 6 ka’een wal qabatee namoota 200 ol irratti himannaan dhiyaatee jira. Guyyaan kun guyyaa seera tumtoonni finxaaleessummaa biyya keessaa jajjabeessa jechuun akeekkachiisanii fi prezidaantiin aangoo isaatti seeraan ala fayyadame jedhanii ti.

XS
SM
MD
LG