Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Deggersaa Hawaasaa Keessatti Gaggeeffamee Jira


Mummicha Ministeeraa Abiiy Ahmad fi mootummaa isaanii kan deggeruuf bara bulchiinsa isaanii jijjirama arguu keenyaaf akkasumas fedhiin uummataa kabajamuu isaan ta'u uummanni bulchiinsa naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaa keessatti har'a hiriira ba'e jira.

Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Ledaamoo haasawaa dhageesisaniin jijjiramnii argamee sirnii Federaalizmii inni dhugaan hojii irra oolee uummanni Sidaamaa hiree ofii akka murteeffatu ehamamuun kana agarsiisa jedhan.

Hiriirri wal fakkaataan magaala Hosaa'inaa Arbaa minc fi magaalaalee kan biroo keessattis gaggeeffamuun gabaafamee jira.

XS
SM
MD
LG