Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaabbii Godaantota Itiyoophiyaa Yemen Jiraatanii


Suuraan godaantota Itoophiyaa Yemen keessa jiran irraa VOA-n argate kun kanneen rakkatanii karaa maddii jiraatan agarsiisa
Suuraan godaantota Itoophiyaa Yemen keessa jiran irraa VOA-n argate kun kanneen rakkatanii karaa maddii jiraatan agarsiisa

Godaantonni lammiin Itiyoophiyaa Yemen jiran ammas rakkoo keessa jirraa jedhan. Gara biyyoota baha jiddu galeessaatti qaxxaamuruuf Yemeniin keessatti kan qabamnii hafan godaantonni kun nyaataa fi bakka bultii dhabanii rakkataa akka jiran himu.

Gaabbii Godaantota Itiyoophiyaa Yemen Jiraatanii
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:44 0:00

Kanaafis Yemen Naannoo magaalaa Sana’aa keessa manneen nyaataarra deemanii nyaata kadhataa akka jiraatan himan. Godaantonni kun biyyatti deebiwuuf iyyannus deebii hin arganne jedhu.

Xaahir Faaris fi Toofiq Ahmed godaantota lammiin Itiyoophiyaa Yemen keessa jiraatani. Toofiq dargaggeessa ganna 25, Xaahir ammo reef ganna 20 akka guute dubbate.

Godina Jimmaatti dahalatanii ka guddatan dargaggoonni lameen kun godaansaaf erga biyya bahanii booda amma biyya Yemen keessatti rakkachaa jirra jedhu. Xaahir fi Toofiq silaa biyyaa kan bahan gara Saawudii Arabiyaa darbuuf ture.

Haa tahu male Weerara dhibee Kooronaa mudateen daangaan biyyootaa hedduun waan cufameef seeraan ala tawus karaa darbaa dhabanii lammilee Itiyoophiyaa kumaan lakkaa’aman duuka Yemen keessatti rakkataa jirra jedhu.

Xaahir ji’oota 12’n darban kanaaf daandii Sana’aarra waan nyaatu dhabee manneen nyaataarra deemee kadhadheen jiraachaa ture jedha. Haalli kunis ulfaataa akak ta’e hime.

Toofiq Ahmedis akkasuma, ganna lamaaf daandii Sana’aarra jiraate. Innis nyaataan ala bakki bultii dhabuun godaantota akak miidhe hime

Godaantonni kun lameenuu rakkoo kana keessatti qaamni nu gargaare hin jiru jechuunis dubbatu. Yemeniin gahuuf Toofiq fi Xaahir warra seeraan ala nama daddabarsuuf birrii Itiyoophiyaa kuma kudha sadii ol kaffalleerraa jechuun dubbatu. Darbanii darbanii maatii saanii bilbilaan akka wal argan, utuu karaa arganneemmoo biyyatti deebiwuu barbaannas jedhu.

Gara biyyatti deebiwuu feena haa jedhan male, Toofiq fi Xaahir, lammileen Itiyoophiyaa kumaan lakkaawaman kaan Yemeniin jiran biyyatti deebiwuuf karaa hin qaban. Qarshii harkaa qaban warra isaan biyyaa biyyatti dabarsaniif kennanii waan fixataniif ofirra deebiyanii galuu mitii waan nyaannee bullu hin qabnu jedhu.

Biyya lolli bara 2011 kaasee goolu Yemen keessa godaantota fi baqattoota Itiyoophiyaa Kuma hedduutu jiraa jedhama. Warra kana kan gargaaru dhaabbata godaansa Internaashinaal Organaayzeeshin for Maaygreeshin [IOM] jedhamuudha. Dhaabbanni kun ‘haga danda’e baqattoota fi godaantota kanaaf deeggarsa taasisaan jira jedha.

Oliiviyaa Heeden Yemenitti dubbi himtuu IOM. Rakkoo godaantonni himataniif deebii kenniteen, jaarmayaan IOM, Yemen keessa gatii nami hedduun gargaarsa fedhu jiruuf dhaabbatichi hunda gargaaruu hin danda’u jechaan dubbatte.

Garuu jette Oliviyaan, IOM godaantota addattii miidhaan irra gahe 34 ta’an Yemen naannoo Eden tti giddu gala takka keessatti kunuunsaa jiraachuu dubbatte. Warra miidhame jette kanaafis jaarmayaan IOM nyaata, tajaajila yaala fayyaa, bakka jireenyaa fi gargaarsa kaan kennaa akka

jiru eertee, warri kun booda yoo fooyya’an fedha isaaniin gara biyyasaaniitti geggeeffamuu jechuun dubbatte.

Warri Akka Xaahir fi Toofiq ka gara biyyyaa galuu fedhuufoo IOM maal yaade gaaffii jedhuuf, Oliiviyaan, IOM mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun sagantaa duraan dhaabate ka godaantota biyyatti deebisuuf karoorfame lafaa jalqabuuf akka jiru himte. Garuu balaliin xiyyaaraa Yemenii gara Itiyoophiyaa sababa weerara dhibee Kooronaa waan haqameef godaantota kana ammatti biyyatti deebisuun hin dandaa’amu jette.

Toofiq fi Xaahir garuu teenyee sagantaa san eeguurra yoo qarshii arganne balaaf saaxilamuu tahus bidiruun galaana Eden qaxxaamurree galla jedhu.

XS
SM
MD
LG