Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinni Mirga Namaa Itiyoopiyaa Caasaaleen Misoomaa Bakkatti Deebi’uun Boodatti Hafuun Jiraattota Naannoo Tigraay Miidhaa Jira jedhe 


Faayilii - Dura Taa'aa Komiishinii Mirga Namaa Itiyoopiyaa
Faayilii - Dura Taa'aa Komiishinii Mirga Namaa Itiyoopiyaa

Tigraay keessaa adeemsi caasaalee bu’uura misoomaa bakkatti deebisuu boodatti harkifachuu fi tajaajilaawwan hawaasaa fi bulchiinsaa guutummaatti itti fufuu dadhabamuun jiraattotaa fi namoota naannoo isaanii keessaa qe’ee irraa buqa’an dhiittaa mirga namaa itti dabalaaf saaxilaa jira jechuu dhaan komiishinni mirga namaa Itiyoopiyaa beeksisee jira.

Komiishinichi tuuta oduuf har’a ibsa kenneen baatilee lamaan darban keessa qofaa humnaan gudeeddiin 108 hospiaalota Maqalee, Ayider, Addigraat fi Wuqiroo keessatti raawwatamuu beeksisee jira. Komiishinichi Maqalee fi naannolee ka biroo bakka ogeessonni daawwatan keessaa haalli gargaarsa namoomaa fooya’inni hangi tokko argamuu isaa beeksisee jira.

Fedhii gargaarsa yeroo hatatamaa guutuuf daran hojjetamuu qaba jedhee jira jechuun Yoonaattan Zebdwoos gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG