Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Zuumaan Beellama Qorannaa Malaamaltummaa Geggeeffamaa Jiru Irratti Hin Argamne


Prezidaantiin Afriikaa Kibbaa duraanii Jaakoob Zuumaa, Wixata kaleessaa garee qoranna dhimma malaammaltummaa mootummaa isaanii kan bara 2009-2018 geggeeffamu duratti dhiyaachuu dhabuu isaaniif adabi hidhaa kan isaan eeggatu ta’uun ibsamee jira.

Kan qorannaa sana hoogganan itti aanaa hoogganaa abbaa murtii Raymond Zondo akka jedhanitti Zuumaan argamuu dhabuu isaaniif sababi sirrii ta’e hin jiru. Bara 2021 kessa Zuumaan garee qorannaa kana duratti dhiyaachuu ennaa dhaban yeroo lammataa ta’uu isaa ti.

Abukaatoleen Zuumaa kaleessa xalayaa erganiin akka jedhanitti maanguddoon waggaa 78 prezidaantichi duraanii qorannaa sana irrati akka hirmaatan waamichi dhiyaachuun madaalawaa miti, kanaaf hin dhiyaanne jedhan. Gareen of irraa ittisaa kun dhaabbati oduu Rooyiters yaada akka kennuuf gaaffii dhiyeesse fudhatama dhabsiise.

Zondoon itti dabaluu dhaan amalli Zuumaan agarsiisan kanneen biroon ajaja mana murtii akka morman kakaasuu danda’a kanaaf manni murtii heera biyyattii dhimmi kun attamiin itti fufuu akka danda’u murteessuu qaba jedhan.

XS
SM
MD
LG