Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaynamaar Keessatti Hiriirri Mormii Farra Fonqolcha Mootummaa Har’as Itti Fufee Oole 


Hiriirri mormii guutuu biyyaa Maaynamaar keessaa kan bittaa waraana mootummaa sivilii fonqolchee, interneetiin guyyaa lama walitti aanuuf cufamu iyyuu har’as itti fufee oole.

Hiriirtonni mormii, konkolaataan waraanaa hedduun daandii irratti bobba’u iyyuu daandii baankii waaltaa Yaangoon fuullee jiru cufanii jiran. Raaoyiters akka gabaasetti hiriirtonni kun tajaajila baabura imaltootaa Yaangoonii fi magaalaa gama kibbaa Mawal-amyine gidduu cufan. Hoogganoonni amantii Budahaa hiriira mormii har’a Yangoon keessatti geggeessame irratti hiarmaataniiru.

Walitti bu’iinsi hiriirtotaa fi poolisii Maaynamaar gidduutti uumame erga hooggntuun leellistuu dimokraasii Aan Saan Suu Shii fi angawoonni sadarkaa ol aanaa kan mootummaa sivilii Guraandhala tokko to’atamaniii labsiin yeroo hatattamaa waggaa tokkoo labsamee as hammaataa adeeme.

Kan fonqolcha mootummaa sana hoogganan jeneraalli gameess Min Aung Halaing torban darbe TV irratti dhiyaachuun ibsa kennaniin filannoo haaraan dimokraasii naamusa qabu kan dhugaa fiduuf geggeessama jedhanii, garuu immoo yoom akka geggeessamu hin ibsine.

Hiriirtonni mormii kurna kumaan laka’aman, barreeffamoota dhaadannoo deggersa dimokraasii qabuu fi hedduunis suraa Aan Saan Suushii qabatanii, uggura sa’aa kaa’amee fi namoonni afurii ol akka wal hin geenye ajaja jedhu diduu dhaan daandilee magaalaalee Maaynamaar gurguddoo irra guutanii jiran.

Maaynamaaritti jila addaa tokkummaa mootummootaa kan ta’an Schraner Burgener kaleessa itti aanaa ajajaa waraanaa Maaynamaar Soe Win waliin mari’achuu dhaan akka haalli mijatetti biyyattii akka dhaabbatan irra deebi’uun dhiibbaa godhaniiru.

Yunaayitid Isteetisitti ambaasaaddorri Maaynamaar, kanadaa fi kan biyyoota gamtaa Awroppaa 12 wal ta’uun ibsa kennaniin waraanni biyyattii mala quunnamtii addaan kutuu isaa balaaleffachuu dhaan uummata Maaynamaariif deggersa qaban ibsanii addunyaan illee hordofaa jira jedhan.

XS
SM
MD
LG