Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Emireetota Arabaa Maadhee Ishee Eertraa Hanga Tokko Diigde 


Tokkummaan Emiretota Arabaa naannoo isaa kan ture wal waraansa Yemen booda Eertraa keessa kan ture maadhee waraanaa ishee hanga tokko diigdee jira. kunis suraa Associated press kaaseen xiinxalame irraa argame.

Tokkummaan Emireetota Arabaa, baatii Fulbaana bara 2015 jalqabee Asab keessatti buufata xayyaaraa tolhuun kan babal’ise yoo ta’u, gamasittis Iraaniin kan deggeraman ripxe loltoota Huttii waraana wal aatota Arabaa waliin ata’uu dhaan itti duulee, meeshaalee gurguddaa fi loltoota Sudaan Yemeniin seensisuuf maadhee sanatti garaaramee jira.

Walitti bu’iinsa sana keessaa erga harka fudhatee booda meeshaa deddeebisuu fi bakka sanatti illee biilsaalee ijaaraman diiguu jalqabuu isaa suraan saatelaayitii sun mul’isee jira.

Kutaa Teeksaasitti kan argamu dhabi basaasa dhunfaa Stratfor jedhamu irraa Ryan Bohil, Imireetonni fedhii isaanii ka tarsiimoo irraa deebi’uu dhaan naannoo sanaa ba’aa jiru jedhan. Humna jabaa bobbaasuun kan isaan amma obsuu danda’aniin ol balaaf isaan saaxila jedhaniiru.

Angawoonni Emireetotaa gaaffii Associatid press biraa dhiyaateef deebii hin kennine. Eertaan kontraata waggoota 39f Emireetiif maadhee kan kireessite yoo ta’u Isheenis gaaffii embasii ishee Washington jiruuf ergameef deebii hin kennin hafte.

Abu Daabii fi Dubaay waliin federeeshinii Sheekaan bulu torba jala kan jiru Tokkummaan Emiteetota Arabaa Yemen irraa fageenya km 70 qofaa irratti kan Argamu Asab keessatti doolaara miliyoonaan laka’amu baasee jira. Xayyaarota gurguddaa galchuuf jecha daandii awwaaraa ture kan meetra 3,500 fagaatu fooyyessuun daandii xayyaarri irra fiigu hojjetee jira.

Emiretis itti dabaluu dhaan jalqaba bara 1930-mootaa ennaa bittaa Xaaliyyaanii kan ijaarame dallaa karee km sagal irraa bakka xayyaarri irra deemu hojjetee jira.

Hojiin diiggaa sun itti fufus helikoopteroonni haleellaa oofan kan Emireet amma iyuu maadhee sana keessatti argamu. Galaana diimaa fi galoo galaana Eden kan wal agarsiisu bakka tarsiimoo Bab el-Mandeb cina turuun barbaachisaa dha jedhamee jira. Tokkummaan Emireetota Arabaa garu yaaddoowwan dhiibbaa irra kaa’an hedduun ishee mudatuu mala.

Bara 2019 jalqabee Ameerikaa fi Iraan gidduu muddamni jiru doonillee Imireet keessaa irratti haleellaa geessisuu dabalatee balaawwan walitti aanan mul’ataa turan.

Bakkaawwan xayyaaronni nam maleeyyii mancaafamuun kan dhaga’ame erga ripxe loltoonni naannoo Tigraay keessaa xayyaarri nam maleeyyii Emeret Asab irraa ga’uu dhaan maadhee isaanii haleeluu himatanii booda. Tokkummaan Emireetota Arabaa himannaa ripxe loltoonni ragaa hin dhiyeessine jedheef deebii hin kennine.

XS
SM
MD
LG