Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looltonni Somaaliyaa Leenjii Tika Nagaaf Eritraa Keessa Turan


Pirezdaantii Somaaliyaa fi pirezdaantii Eritraa

Waraanni Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa keessaa ba'u fi baatilee dhufan keessa humnoonni gamtaa Afriikaa Somaaliyaa keessaa lakkoobsaaan xiqaachuu ilaalchisee mootummaan Somaaliyaa Sodaa Al shabaab irraa qabuuf jecha dargaggota biyyatti kumaan laka’aman leenjii waraanaaf jecha gama Eertraatti ergatee jira .

Humnoonni Somaaliyaa leenjiif biyya Turkii, Ugaandaa fi Jabuutii keessatti kan ergaman ta’us leenjiin inni Eertraa keessaa uummata jalaa dhokfamee akkasumas dhaaba basaasa biyyattiin waan geggeeffamuuf jecha adda jedhamee jira.

Lammiwwan Somaaliyaa kanneen waraana ta'uuf filataman erga bara 2019 kaasee Ertraa keessatti Leenjiifamaa akka turan aangawoonni Somaaliyaa beeksisanii jiru.

Leenjiifamtoonni Somaaliyaa kun waraana Ertraa waliin humna mootummaa Federaalaa kan Itiyoophiyaa wajjiin looltoota Tigraay waraanan oduun jedhu kan mirkanii hin argannee baatii Amajjii darbee marsariitii hawaasaa irratti maxxanfamee ture.

Ministeerri Odeeffannoo kan Somaaliyaa Osmaan Dubbe baatii Amajjii darbee looltoonni Somaaliyaa Ertraa keessatti leenjifamaa akka jiran mirkaneessanii garu Tigraay keessatti bobbaafamanii turan kan jedhu soba jedhan.

Angawaan Itiyoophiyaa kan maqaan isaanii akka ifa hin taane gaafatan waraanni Somaaliyaa leenjiif Ertraa keessa ture Tigraay hin seenne jedhan.

Lammiwwan Somaaliyaa kanneen firottan isaanii leenjiif Ertraa keessa jiran maal jedhu? Gabaasa guutuu caqasaa.

Looltonni Somaaliyaa Leenjii Tika Nagaaf Ertraa Keessa Turan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:46 0:00


Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG