Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Namoomaa Naannoo Tigraay Akka Dhaqqabu Daandiin Guutummaan Saaqamuu Qaba Jetti Briteen 


Biriteenitti ministeera dhimmootii Afriikaa, Jeems Duduruji
Biriteenitti ministeera dhimmootii Afriikaa, Jeems Duduruji

Biriteenitti ministeerri dhimmootii Afriikaa Jeems Duduruji Tigraayiif dhorkaa malee gargaarsa namoomaaf daandiin akka saaqamu gaafatan. Briteen haala Tigraay keessaa ilaalchisuun hedduu yaaddoo qabdi, loogiin gosaa fi hanqinni midhaan nyaataa, bishaanii, boba’aa fi maallaqaa jiraachuun gabaasamee jira.

Rakkoon yeroo ammaa kan dhaabolii gargaarsaa danqaa jiru hin fooyya’u taanaan uummani naannoo Tigraay guutuu keessa jiran dararaa hamtuu isaan mudatuuf jira.

Qaamotii mara dhimma kana keessaa harka qaban hatattamaan daandiin akka saaqamu akkasumas dhiittaan mirga namaa geggeessamaa jira jedhame qaama walabaan akka qoratamu irra deddeebi’uun gaafannee jirra jedhan.

XS
SM
MD
LG