Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen IWEHAT Ija Jabaatee Waraanatti Seena Jedhee Hin Eegne: Prezidaant Isaayaas Afewerqii 


Faayilii - Prezidaantii Eertraa Isaayyaas Afewerqii
Faayilii - Prezidaantii Eertraa Isaayyaas Afewerqii

Prezidaantiin Eertraa Isaayyaas Afewerqii, IWEHAT waraansa jalqabuuf ija jabaata jedhee qaruma hin eegne jedhan. Afewerqiin akka jedhanitti IWEHAT gara Finfinnee fi Asmaraatti imaluuf karoorsee ture.

Itti dabalees Televiiziyona biyyoolessaa irratti dhiyaachuun akka ibsanitti Eertraan biyyoota naannoo jiran kamuu caalaa nageenya Itiyoopiyaaf yaaddi jedhan.

Gama biraatiin dhalattoonni Tigraay, loltoonni Eertraa humnootii Itiyoopiyaa cina hiriiruu dhaan Tigraay keessaa lolaa jiru jedhu. Dhiittaa mirga namaa gamasiif illee sababaa dha jedhu.

Gaaffii fi deebii prezidaanti Isaayaas geggeessan erga lolli naannoo Tigraay banamee as isa jalqabaa ti jechuun Birhaane Berihee gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG