Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteets Qarqaarsi Itoophiyaa Irraa Dhaabdee Jirtu Kanaan Booda Hidha Abbayaa Waliin Wal Hin Qabatu


Yunaayitid Isteets gargaarsa Itiyoophiyaa irraa dhaabde, wal-falmii biyyattiin waaa’ee hidha laga Abbayaa ilaalchisee Masrii waliin qabdu irraa adda-baastee ilaaluuf murteessitee jirti.

Ministririin Yunaayitid Isteetis ibsa har’a kenneen akka addeessetti, kana jechuun garuu, gargaarsi naga-eegumsaa fi misoomaa Yunaayitid Isteetis Itiyoophiyaa irraa dhaabdee turte kan gara Miliyoona dhibba lamaa fi miliyoona toorbaatamii lamaatti shallagamu, battalkatti gad-dhiifamaaf jechuu miti.

Gad-dhiifamuu fi dhiiisuun gargaarsa kanaa, haalawwan dhiheenya biyyattii keessatti mul’atan, kallattiitti wal-dhibdee Tigiraay keessaa irratti akka hundaa’u himamee jira.

Gargaarsi namoomaa kennamu, gargaarsa rarraasame sana keessa akka hin jirre ka dubbate – Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis, ejjennoo Yunaayitid Isteetis kana mootummaa Itiyoophiyaa quba qabaachisuus beeksisee jira.

Dubbi-himtuun Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimed, waa’ee kanaa gaafatamanii ammaaf akka deebii hin kenniin, Asoosheetid Press gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG