Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootumman Itoophiyaa Wal-dhibdeen Daangaa Karaa Nagaa Akka Furamu Biyyoonni Afrikaa Sudan Akka Gorsan Waamicha Godhe


Biyyoonni Afrikaa obboleeyyan wal-dhibdeen daangaa Itiyoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru karaawwan nagaa jiraniin akka furamu akka mootummaa Sudaan gorsan Itiyoophiyaan waamicha dhiheessitee jirti.

Uummatni Sudaanis, mootummaan isaa dantaa biyya sadaffaa tajaajiluu ka biyyoota lameen miidha, jettu irraa akka of qusatu akka dhiibbaa itti godhus gaafattee jirti – Itiyoophiyaan.

Ministiriin Dhimma alaa Itiyoophiyaa ibsa kaleessa galgala baaseen, “Mootummaan Sudaan, daangaa biyyoota lameenii irratti rakkoolee mul’atan, gochaalee hammeessanii fi gochaalee tuttuqqaa geggeessaa jira,” jechuudhaan akka gochaa sana irraa of qusatuu fi rakkoo jiru karaa nagaa furuutti akka cichu gaafatee jira.

XS
SM
MD
LG