Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni Addunyaa Duula Talaallii COVID-19 Itti Fufan, Kaan Immoo Boodatti Harkifatan 


Briteen wixiata har’aa manneen barnootaa biyyattii mara bantee jirti. Kun kan dhaga’ame erga baatii Onkoloolessa darbee qabee biyyattiin lakkoobsa namoota vaayiresiin qabamanii hanga tokko erga gad bu’ee booda.

Veetnaam hojjettoota fayyaa dursuu dhaan sagantaa talaalliis COVID har’a jalqabdee jirti.

Jaappaan sababaa hanqina talaallii fi lilmeen kan ka’e sagantaan talaallii ishee boodatti harkifatee jira. torbanneen sadii keessatti talaalliiwwan 46,500 kan ta’u yoo qabdu, hojjettoota eegumsa fayyaaf dursa kennuun maanguddoonni kan itti aanan ta’uu beeksistee jirti.

Waaltaan qorannaa Joons Hopkins akka gabaasetti hanga wixata har’aa ganamaati addunyaa irraa namoota miliyoona 117tu vaayiresii koronaan qabaman.

XS
SM
MD
LG