Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Diplomaatota Raashiyaa Biyya Baaste, Uggura Haaraa Illee Irra Keesse 


White House dipilomaatota Raashiyaa 10 biyyaa ba’uu isaanii tuqee, uggura haaraa Rahiyaa irra kan kaa’u ta’uu labsee jira. Tarkaanfiiwwan kunis jiddu seeniinsa filannoo prezidaantummaa waggaa darbee akkasumas marsariitiiwwan dhaabolii mootummaa cabsanii seenuu isa jedhuuf deebii kennuuf jecha.

Jiddu seeniinsa sanas Ameerikaan yeroo jalqabaaf dhaaba basaasaa Raashiyaa waliin mul’inatti wal qabsiiste.

Uggurri bulchiinsichaan torbanneen dura akka kaa’amu ibsame, tarkaanfii halo ba’iinsaa kan kremlini marsariitii dhaaba caasaa ibsaa humna qilleensaa kutaa Teeksaas kan solarWinds jedhamuuf deebii kan kennu ta’uun ibsameera.

Bulchiins Baayiden biyyaa baafamuu diplomaatota Raashiyaa fi uggura namoota 30 olii fi kampaniiwwan isaanii irra akka ka’u kamisa har’aa labse.

Galmee marsariitii cabsanii seenuutti dabaluu dhaan angawoonni Yunaayitid Isteetis baatii darbe prezidaan vilaadmiir Putiin Doonaal Ttaamp filanoo prezidaantummaa itti hin milkaa’in hafan irra dhiibbaan akka kaa’amu eeyamuu himatan, garuu Raayaas haa ta’u ka biroon ba’ii filannoo sanaa jijjiiruu danda’uu isaaniif ragaan hin argamne.

XS
SM
MD
LG