Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Bakka Garaagaraatti Hiriirri Mormii Geggeessame 


Naannoo Amaaraa Bakka Garaagaraatti Hiriirri Mormii Geggeessame 
Naannoo Amaaraa Bakka Garaagaraatti Hiriirri Mormii Geggeessame 

Har’a naannoo Amaaraa magaalaalee adda addaa keessatti eenyummaa irratti kan hundaa’e ajjeechaa fi qe’ee irraa buqa’uu mormuu dhaan hiriirri mormii geggeessuuf uummanni hedduun waltajjiitti ba’ee jira. Baahirdaar, Debremaariqos fi Waldiyaa Dassee Hayiqii fi magaalaalee ka biroo keessatti uummanni heddumminaan kanneen keessa hiriiran keessaa ti.

Hiriirtonni kun dhaadannoo dhageessisan keessaa amaara ari’achuun haa hafur, amaara irratti kan geggeessamu sqe’ee irraa buqqa’uu fi ajjeechaan mootummaa yaaddessuu qaba, ijoollee ajjeesuu fi magaalaalee diiguun gootummaa miti, dhiigi lammii koo na yaaddessa ka jedhu ture.

kun utuu kanaan jiruu, miinistriin nagaa kaleessa ibsa baaseen kutaalee biyyattii adda addaa keessatti lammiiwwan nagaa irratti ajjeechaan raawwatamaa jiru kan isa yaaddesse ta’uu ibsee keessaa fi alaa ijaaramanii kan sosso’an humnaanni badiisaa jiraachuu uummanni hubatee, tokko ta’ee, humna nageenyaa waliin walii galuu dhaan rakkoo jiru furuuf birmachuu qaba jdhee jira.

Mootummaanis rakkoo jiru furuuf hojii nagaa booressuu irratti kanneen bobba’an gareelee badiisaa irratti tarkaanfii fudhachuu dhaan ol aantummaa seeraa mirkaneessuu akkasumas nageenyi akka boofatu gochuuf of eeggannoo guddaan sosso’aa kan jiru ta’uu ibsee jira.

XS
SM
MD
LG