Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Daangaa Sudaan Irratti Hidhattoonni Haleellaa Raawwachuu Jiraattonni Dubbatan


Naannoo Amaaraa godina Gondar aanaa Matammaa, ganda Duukkaa keessatti erga dilbata darbee qabee hidhattoonni bifa qindaa’een haleellaa raawwataa jiraachuu jiraattonni naannoo ibsaniiru. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa ambaasaadder Diinaa Muftii har’a ibsa kennan irratti gaafatamanii waa’ee kanaa odeeffannoo akka hin qabaatin ibsaniiru.

Jiraataan aanaa Matammaa ganda Manduuqqaa jedhamu obbo Iyyaayyuu Feqaadee har’a VOAf akka ibsanitti hidhattoonni Sudaan dilbata darbee qabee daangaa ce’uu dhaan ganda investimentii Tumet Merxerhar jedhamu seenuu dhaan qabeenyaa abboota qabeenyaa sadii saamanii gubanii deeman jedhan.

Obbo Iyyaayyuun akka jedhanitti hidhattoonni kun har’a ganama naannoo sanatti dhukaasa banuu isaanii dubbataniiru.

Ka biro yaada kan kennan ganda hollaa sanaa Shinfaa bakka jedhamuti kan jiraatan Neggaa Zelelaa namni jedhamanitti hidhattoonni dilbata darbe daangaa ce’anii dhufuu dhaan beeladaalee 500 qabeenyaa saamanii kaan gubanii deeman jedhan.

Dubbi himaan mnistrii dhimmi alaa Itiyoopiyaa ambaasaadder Diinaa Muftii ibsa gaazixeesotaaf kennaniin dhimmi Sudaan waliin wal qabatee gaaffii dhiyaateef odeeffannoo akka hin qabne ibsaniiru.

Waraanni Sudaan daangaa ce’ee haleellaa geggeessuuf bifa qindaa’een ijaaramee cimsee kan eegale, mootummaan Itiyoopiyaa naannoo Kaaba biyyattii keessatti duula seera eegsisuu erga jalqabee as jechuun kanneen yaada kennan dubbataniiru jetti Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa.

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG