Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Paartii Baalderaas Filannoo Keessatti Akka Hirmaatan Manni Murtii Murteesseefii Jira


Faayilii - Hoogganaan Paartii Baalderaas obbo Iskinder Neggaa
Faayilii - Hoogganaan Paartii Baalderaas obbo Iskinder Neggaa

Paartiin Baldeeraas kan hidhaa keessa jiran hoogganni isaa fi miseensonni isaa filannoof akka dorgoman kaadhimummaan galmeessisuuf falmii dhiyeeffate injifatee jira.

Hoogganaan paartichaa obbo Iskinder Neggaa dabalatee kaadhimamtoota hidhaa keessa jiran galmeessisuuf murtii boordiin filannoo murteesse mormuu dhaan paartichi dhimmi isaa gara mana murtii ol aanaatti dhiyeessee kan ture yoo ta’u manni murtichaa galmeessamuu hin danda’an jechuun murtii addaa dabarsee ture.

Paartichi garuu irra deebi’uu dhaan dhimmi isaa gara mana murtii ol iyyannaatti waan dhiyeeseef miseensonni keessan filannoo keessatti dorgomuu danda’u murtii jedhu kennee jira.

XS
SM
MD
LG