Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talaallii Vaayrasii Koronaaf Deggersi Doolaara Biliyoona 2.4 Argamuu Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Beeksise


(suuraa fayilii)
(suuraa fayilii)

Jarmayaan fayyaa addunyaa talaallii COVID-19 biliyoonaan laka’amu biyyootii hiyyeeyyii ta’aniif raabsuuf deggersa maallaqaa guddaa argatee jira. Kaka’umsi talaallii koronaa kan COVAX jedhamu gumii Jaappaan qopheessitee fi gama viidiyoon geggeessameen doolaara biliyoona $2.4 kan argate yoo ta’u, Jaappaan doolaara miliyoona $800.00 kan gumaachite ta’uun ibsamee jira.

Itti dabalees sagantaan kun Kanaadaa, Ferensaay, Ispeen fi Swedinii irraa deggrsi maallaqaa guddaan waadaa seenameefii jira. Sagantaan kun erga hundeeffamee qabee doolaara biliyoona $9.6 walitti qabee jira. Biyyoonni hedduun tuullaa isaanii kan biyya ofii keessa jiru irraa sagantaa COVAXf kennuuf waadaa kan seenan yoo ta’u Jaappaan talaalii miliyoona 30 kennuuf waadaa seentee jirti. Sagantaan kun ijoollee biyyoota hiyeeyyii keessaa talaaluuf dhaabbata Bill fi Melinda Gatesn hundeeffame.

Sagantichi hanga ammaatti biyyoota 127f talaallii doosii miliyoona 77 raabsee jira. Kunis kan inni waadaa seene waggaa kana doosii biliyoona lama erguuf waadaa seeneen gadi.

Itti aantuu prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Kamaalaa Haris gumii sana akka hubachiisanitti, bulchiinsi Baayiden sagantaa COVAXf waggaa kana bara 2022f kan ta’u doolaara biliyoona 4 gumaachuu isaaf, garuu gumaacha maallaqaa itti dabalaa ykn talaallii haaraa hin labsine jedhan.

XS
SM
MD
LG