Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi Himaan Tokkummaa Mootummootaa Farahaan Haaq Haala Itiyuoophiyaa Keessaa Ilaalchisee Ibsa Kennan


Faayilii - Dubbi himaa tokkummaa mootummotaa, Farhaan Haaq
Faayilii - Dubbi himaa tokkummaa mootummotaa, Farhaan Haaq

Dubbi himaan tokkummaa mootummotaa Farhaan Haaq, haalli dubbii fi wal barbaaduu fi hookkara Itiyoophiyaa gama kaabaa fi haleellaan qillensa irraan Tigraay keessatti geggeessamu heddu nu yaaddesse jedhan. Kaleessa haleellaan samii irraan yeroo lama geggeessame Maqalee naannoo namoonni jiraatan haleeluu gabsasamee jira.

Gabaasi duraanii akka mul’isutti namoonni ja’a yoo du’an 22 madaa’aniiru. Manneen hangi tokko manca’aniiru ykn akkaan miidhaan irra ga’eeraa.

Tokkummaan mootummootaa hookkara yeroo ammaa Amaaraa fi Affaar keessatti geggeessamaa jiru isa yaaddessee jira jedhan.

Haalli gamas jiruuf akkasumas balalii dhaaf amansiisaa waan hin ta’iniif, kan akkasii dhaabatee balaliin akkuma duraanii akka itti fufu gaafanna jedhan Haqi. Tokkummaan mootummootaa Tigraay keessaa gargaarsi akka dhaqqabu ka mirkaneeffatan hojjettoota 400 ta’an gamasii qaba jedhanii jiran.

XS
SM
MD
LG