Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akeekkachiisa Imala Gara Itiyoophiyaatti Geggeessamu Ilaalchisee Ministriin Dhimma Alaa Kenne


Ministriin dantaa alaa Yunaayitid Isteetis akeekkachiisa imalaa kennee jira. Sababaa walitti bu’iinsa waraanaa, jeeqama biyya keessaa, quunnamtiin addaan cituu, yakkaa fi tarii immoo shorokeessummaa fi naannolee daangaatti namoota butanii fudhachuun jiraachuu maluuf lammiiwwan isaa gara Itiyoophiyaatti akka hin imalle akeekkachiisee jira.

Lammiiwwan Yunaayitid Isteetis kanneen Itiyoophiyaa keessa jiran mala argameen gamasii ba’uu akka yaadan ibsee jira. Sababaa wal waraansi geggeessamaa jiruuf jecha, yeroo ammaa gara Itiyoophiyaatti imaluun amansiisaa miti. Hookkarri fi waitti bu’iinsi gosootaa illee utuu hin beekamin ka’uu mala jedha ibsi ministrii dantaa alaa biraa ba’e kun.

Dubbiin hammaachuu mala, dhiyeessiin jireenyaaf barbaachisu hanqachuu mala, quunnamtiin cufamuu akkasumas imalli illee adda cituu danda’a. Mootummaan Itiyoophiyaas labsii yeroo muddamaa Sadaasa 2, bara 2021 labsee jira.

Mootummaan kana dura sababaa hookkaraan kan ka’e interneetii fi daatee mobaayilaa akkasumas tajaajila bilbilaa cufee ture. Angawoonni embasii Yunaayitid Isteetis kan gamasii yeroo ammaa magaalaa Finfinnee dhaa ala imala geggeessan murtaa’aa taasisaniiru.

Lammiiwwan Yunaayitid Isteetis gamasi jiran hatattamaan marsariitii AddisACS@state.gov tti guutummaa maqaa, guyyaa dhalootaa, lakkoobsa pass portiii, bakka amma jiran waliin akka ergan beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG