Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ba’ii Qorannoo fi Itiyoopohiyaan Ba’eef Mootummaan Deebii kenne


Gabaasa qorannaa Komishiniin Mirga dhala namaa Itiyoophiyaa fi komiishinni mirga dhala namaa kan Tokkummaan Mootummootaa ifa baasan kan waa’ee himata dhimma dhiittaa mirga namooaa fi dararaa walitti bu’iinsa Tigraay keessatti dhaqqabe jechuun dhiyaate argiinee jirra jedha ibsi waajjira muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa biraa ba’e.

Gabaasa kana keessaa hanga tokko irratti of-qusannaa ofii keenyaa qabaannu iyyuu gabaasni kun barbaachisaaa kan namoota miidhaman fi gocha sanaaf itti gaafatamummaan akka jiru kan mirkaneessu, fi kun akka hin taaneef attamiin ittisuun akka danda’ame kan lafa kaa’ee dha jenna.

Gabaasn kun ergga walitti bu’iinsi sun jalqabamee qabee, lammiwwan Itiyoophiyaa rakkoo hamaa irra ga’e fi dhukkubbii isaan keessa darban galmeesse.

Kabajaa dhabuu fi gara laafiinni sarbame walitti bu’iinsa kana keessatti wanni rawwatamee kan laphee nama cabsuu dha.

Himata mootummaa irratti dhiyaatan kan ilaaleen garee kanaaf Yaaddoo qabnu dhiyeeffannuus fudhatama dhabuun isaa nu miidhee jira.

Qorannaan gaggeeffame kun duguuggaa sanyiitu gaggeeffamee isa jedhu soba kan taasisee fi dhugaa kana agrsisuu kan hin qabnne ta’uu agarsisee jira.

Kana malees mootummaan ummata beeleessuu akka meeshaa waraanaaatti itti gargaarame jechuun himata irra deddebi’ee dhiyaatu dhugaa akka hin taane agarsisee jira.

Kana malees beekaa gargaarsi dhala namaa Tigraay akka hin seennee mootummaan taasisee isa jedhuus sirrii akka hin ta’iin akkasumas qorannaa duraan gaggeeffamaa ture waliin harkii caalaan isaa wal fakkaataa ta’u ibsi ba’e beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG