Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan mootummootaa Labsiin Yeroo Hatattamaa Itiyoophiyaatti Labsame Yaaddessaa Ta'uu Ibse


Dubbi himaa Tokkummaan mootummootaa, Stephane Dujarric(Suuraa faayilii)
Dubbi himaa Tokkummaan mootummootaa, Stephane Dujarric(Suuraa faayilii)

Itiyoophiyaa keessatti hookkarri hammaachuu isaa fi labsiin yeroo muddamaa labsamuun, muummicha barreessaa kan tokkummaa mootummootaa akkaan kan isaan yaaddesse ta’uu dubbi himaan isaanii Isteefen Dujaarik beeksisanii jiran. Itiyoophiyaan sabatiinsa dhabuu ishee fi dhimmootiin naannoo bal’ina qabanis yaaddessaa ta’uu dubbi himaan kun dubbataniiru.

Dubbii fi wal barbaaduun hatattamaan akka dhaabatu, kanneen gargaarsi isaan barbachisuuf deggersi lubbuu oolchuu dhorkaa male dhaqqabuu akka danda’utti, rakkoo kanaaf furmaata argamsiisuu akkasumas bu’uura nagaa fi tasgabbii biyyattii keessaa diriirsuu haala dandeessisu uumuuf mariin biyyoolessaa akka geggeessamu muummichi barreessaan gaafachuu isaanii dubbi himaa kan ta’an Stephane Dujarric beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG