Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ba’ii Qorannoo Haala Itiyophiyaa Ilaalchisuun komiishina Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa fi kan Itiyoophiyaan Ba’e


=
=

Wal waraansi Itiyoophiyaa keessaa kan waggaa tokkoof ture gara jabinaan kan guute ture jechuu dhaan, qorannaan gamtaan geggeessame gochi gara jabinaa garee maraan kan raawwatan ta’uun ibsamus, eenyu akka itti gaafatamu, dubbachuu irraa of qusachuu dhaan hoogganaan dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa roobii har’aa beeksisanii jiran.

Qorannaan sun doorsisa angawootaan gufateera, kanaaf naannolee ugguramanii fi bakka wal waraansa sanaan akkaan miidhaman hin daawwanne.

Ba’iin qorannaa kanaa, waajjira dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa fi komiishina mirga namaa Itiyoophiyaan kan geggeessame kan hagas hin baratamin kun kan ifa taasisame, wal waraansi sun jalqabamee waggaa tokko guutuuf guyyaan tokko ennaa hafetti akkasumas Itiyoophiyaan humnoonni Tigraay Finfinnee seenuuf dhaadataa ennaa jiranii fi ennaa biyyattiin labsii yeroo muddamaa haaraa labsitetti.

Tokkummaan mootummootaa Associated Prssiif akka ibsetti, angawoonni Itiyoophiyaa gaaixeessota, kanneen mirga namaaf falmanii fi taajjabdoonni biyyootii alaa kanneen biroon naannoo sana akka hin seenne waan ittisteef jecha, gareen qorannaa kun wal ta’ee hojjechuun barbaachisaa ture jedhee jira.

Walitti bu’iinsi naannoo Tigraay keessatti ka’e, erga kan noobelii nagaa badhaafaman mootummaan muummicha ministeeraa Abiy Ahimed, loltoonni biyya hollaa Eetraa fi humnoonni Itiyoophiyaa, kan mootummaa biyyoolessaa dhuunfatanii turan TPLFtti akka duulan eeyamanii as namoota kumaan laka’amantu dhuman.

Ergasii qabee dhalattoonni Tigraay guutummaa biyyattii keessatti irratti fufuleffatamuu dhaan walitti qabamanii akka hidhaman yoo ibsamu, siiviloonni Tigraay keessa jiran immoo kashalabbootaan humnaan gudeeddiin irratti raawwatamuu, beelaa fi jamaan qe’ee irraa buqqaafamuun irra ga’uun ibsameera.

Dhiya Tigraay keessaa, dhalattoonni Tigraay naannolee irra hedduu gad dhiisanii waan deemaniif haasofsiisuun rakkisaa ture jedha gabaasi haaraa ba’e kun. Qorannaan gamtaan geggeessame kun haalawwan xumura baatii Waxabajjii ennaa humnoonni TPLF naannoo sana to’ataniitti ka jiru kan of keessaa yoo ta’u, garuu naannolee wal waraansi itti geggeessame kan lubbuun namaa akkaan keessatti dhumatee mgaalaa Aksuum dabalatee daawwachuun hin danda’amne. Sababiin isaas mootummaan Itiyoopohiyaa bilbila saatelaayitii qorannaaf gargaaran waan uggureef jecha.

XS
SM
MD
LG