Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awuroopaa Yeroo Lammataaf Raashaa Irra Uggura Ka’ee Jira


\
\

Hogganoonnii gamtaa Awurooppaa Jimaata har’a ganama walgahii hatattamaa Braasals keessatti gaggeessaniin, Raashaan Yukreeniin weeraruu isheef, ugguura guddaa irra ka’uu isaanii labsan.

Uggurri gamtaa Awuroopaa kun Raashaa gama shaniin kan miidhu yoo ta’u kunis gama maallaqaa, eneeerjii fi geejiiba, akkasumas mi’a gara alatti ergiitu to’achuu fi imaammata vizaa irratti ta;uun ibsamee jira.

Prezidaantii komiishiina Awuroopaa kan ta’an Ursula von der Leyen akka jedhanti gabaa baankileen Raashaa gaggeessan hark 70 irratti kan qiyyaafanne yoo ta’u,kaampaanilee mootummaan dhunfatee kan ittisa biyyatti of keessaa qabu irrattis jedhan

Prezidaaantummaa gamtaa Awuroopaa dabareen qabatanii kan jiran prezidaantiin Faransaayoo Imaanu’eel Maarkoon kamiisa kaleessaa bilbilaan prezidaant Putin waliin dubbatanii jiru.Gaaffii prezidaantii Yukreen biraa dhiyaateen, putiin waliin marii ifa ta’e, kallattiin yeroo gabaabaaf qabaadheen ture.Kunis hundaa caalaa haga danda;ameen hatattamaan duula waraanaa akka dhaabuu, fi prezidaantii yukreen waliin akka dubbatan gaafachuuf ture jedhan.

Dhaamsa ifa ta’e kan prezidaantii yukreen biraa eragmee kana gama federeshinii Raashiya jechuun prezidaantii putiiniif dabarseen jira.kanas Fransaayii irraa dabarseef jedhan.

XS
SM
MD
LG