Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Hojjattoota Hidha Laga Abbayyaa fi Eegdoota Isaani Irratti Banameen Lubbuun Namoota 15 Galaafatamuun Himame


FAAYILII - Hidha Laga Abbayyaa
FAAYILII - Hidha Laga Abbayyaa

Torban dabree Awutoobuusa geejiiba uummata kan hojjattoota hidha laga Abbayyaa fi hidhattoota isaan eegan waliin fe’e deemaa ture tokko irratti hidhattonni eenyummaan isaanii hin beekamnee haleellaa bananiin 15 ajjeesuu isaanii namnonni lubbuun hafuu isaanii dubbatan Raadiroo Sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Haleellaan kun kan dhaqqabe akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Guraandhala 23, bara 2014 ta’u fi iddoon haleellaan kun itti dhaqqabe konyaa Gubaa ganda Aysiid bakka Afrikaa Irshaa Limaat jedhamun beekamuutti ta’uun ibsamee jira.

Namoonni ijaan arginine jedhan hundi, guyyaa haleellaan sun itti gaggeeffame sana halkan isaa guutuu bosoona keessa buluu isaanii fi ganama isaa humnii hidhate kan mootummaa dabalataan eega dhufee booda qe’e ofitti deebi’uu isaanii fi daandiin sun eeguumsii kan isa barbaachiisu dubbatan jedhamee jira.

Dhimma kana ilaalchisee aangawoota dubbisuuf yaaliin taasiifne hin milkoofne kan jette oduu gabaastuun RSA Asteer Misgaanaawuu akkuma arganneetti fudhannee dhiyaanna jettee jirti.

XS
SM
MD
LG