Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Moortaaraa Paarlaamaa Somaaliyaa Irra Ga’eef Gareen Al-Shabab Itti Gaafatama Fudhate


Seera tumtoonni fiataman yeroo irbuu seenan, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Ebla14, 2022
Seera tumtoonni fiataman yeroo irbuu seenan, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Ebla14, 2022

Gareen shororkeessaa Al-shabaab wixata kaleessaa bakka wal ga’iin paarlaamaa Somaaliyaa geggeessamutti haleellaa raawwatee yoo xiqqaate namoota ja’a irraan miidhaa dhaqqabeef itti gaafatama fudhachuu isaa Ahimed Mohammed gabaasee jira.

Miseensonni paarlaamaa Somaaliyaa haaraa filataman ennaa wixata kaleessaa haleellaan moortraaraa sun raawwatame af-yaa’ii filachuuf jecha wal ga’anii turan.

Miseensonni paarlaamaa fi kaadhimamaan prezidaantii Abdirahamaan Abdishakur Warsaamee fuula FB isaanii irrati akka barreessanitti dhukaasa marsaa hedduu dhukaafameen waardiyaalee isaanii lama dabalatee namoonni hedduun madaa’aniiru. Gareen finxaaleyyii al-Shabaab, miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuu dhaan haleellaa sanaaf itti gaafataa fudhate. Waajjirri muummicha ministeeraa Somaaliyaa Mohaammed Huseen Rooblee haleellaa gocha shororkeessummaa ittiin jedhe sana balaaleffatee jira.

Somaaliyaa keessatti filannoo kallattiin hin ta’in geggeessee xumura kan jiru paarlaamaa sodaachisuuf kan geggeessame gocha lun’aa ti jechuu dhaan ibsanii jiru. Roobleen tattaaffii miseensonni paarlaamaa filannoo sana saffisuuf taasisan galateefataniiru.

Haleellaa Wixataa sana dura, seera tumtoonni sun af-yaa’ii mana maree ol aanu Ebla 26 akka filatamuuf kan isa gad aanuu immoo guyyaa itti aanu akka filatamuuf sagalee guutuu dhaan murteessanii jiran.

Filannoon kallattiin hin ta’in kan Somaaliyaa sababa falmii siyaasaa muummicha ministeeraa fi prezidaanti Momammed Abdullaahii Mohammad Farmaajoo gidduu tureen kan ka’e batilee hedduuf boodatti harkifate. Faarmaajoon yeroo aangoo isaanii dheeressuu kan barbaadan yoo ta’u, garuu dhiibbaa sadarkaa addunyaa fi biyya keessaan danqaman.

Gareen al-Shabaab sabatiinsi siyaasaa dhabamuu isaatti fayyadamuu dhaan humnootii naga eegdota Somaaliyaa fi namoota siyaasaa irratti walitti aanuun haleellaa lubbuu galaafate raawwataa ture. Seera tumtoonni Somaaliyaa hanga jalqaba baatii Caamsaatti prezidaantii itti aanu filtu jehmee eegama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG