Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moqaadishoo Keessatti Haaleellaa Mortaaraa Gaggeeffame


Seera tumtoonni Somaaliyaa mooraa eegumsi guddaan godhamuuf Moqaadishoo jiru keessatti irbuu yeroo seenan, Somaaliyaa, Ebla 14, 2022e
Seera tumtoonni Somaaliyaa mooraa eegumsi guddaan godhamuuf Moqaadishoo jiru keessatti irbuu yeroo seenan, Somaaliyaa, Ebla 14, 2022e

Haleellaan mortaaraa tokko har’a mooraa paarlaamaa somaaliyaa keessatti lafa kan dhahee yoo ta’u, yeroo kanattis paarlaamaan ol aanuu fi inni gad aanuu keessatti kanneen haaraa filataman walii wajjiin walgahii gaggeessaa ituu jiranii ta’uun ibsamee jira.

Walgahiin akkasii kan gaggeeffamu darbee darbee yoo ta’u namoonni ijaan argan akka jedhanti, namoonni 7 madaa’uu fi kunis hojjattoota paarlaamaa lamaa fi waardiyyoota ta’u oduu gabaasaa RSA moqadishoo jiruutti himan.Paarlaamaan kun masaraa prezidaantii biyyatti isa walakeessa Moqadishootti argamu cina jira.

Haleellaa kanaaf Al-Shabaab battalumatti itti gaafatama fudhatee jira.Walgahiin kun af-yaa’iin mana maree ol aanuu Ebla 26 akka filamuuf kan isa inni isa gad aanuu immo Ebla 27 akka filatamuuf sagalee guutuun muteesse.

Kunis filannoo prezidaantii soomana Ramadaanaa booda erga gaggeeeffamee booda Ta’uuf jira.

XS
SM
MD
LG