Xurree ittiin seenan

Breaking News

Roobi Itti Dabalaa Tattaaffii Baraarsaa Afriikaan Kibbaaa Danqe


Balaa lolaa kutaalee biyyattii gama bahaa mudateen lakkoobsi namoota du’anii 440 oli
Balaa lolaa kutaalee biyyattii gama bahaa mudateen lakkoobsi namoota du’anii 440 oli

Waraanni Afriikaa kibbaa naannolee balaa lolaaan miidhaman keessatti humna ibsaa fi bishaanii adda citee ture bakkatti deebisuuf akkasumas hojii dandammachiisuu deggeruuf jecha loltoota 10,000 bobbaasuu isaa beeksisee jira.

Balaa lolaa kutaalee biyyattii gama bahaa mudateen lakkoobsi namoota du’anii 440 ol ta’ee jira. Xumura torbanii bokkaan deebi’ee robe tattaaffii baraarsaa ka danqe yoo ta’u, yoo xiqqaate garee baraarsaa keessaa nama tokko galaafatee jira jechuun Linda Givetash Durban Afriikaa kibbaa irraa gabaasteetti.

Angawoonni akka jedhanitti, balaa lolaa torban darbe mudateen kanneen miidhaan irra ga’e lubbuu olchuuf gareen barbaachaa fi baraarsaa 14 buufata xayyaara Durban, Verjiiniyaa irraa ka’anii gamasitti qajeelanii jiran. Durban konyaa Kwa-Zuulu-Natal keessaa kan akkaan dha’ame ta’uun illee ibsamee jira.

Travis Torwer daayiriterri dhaaba tola ooltotaa kan lubbuu baraarsaa Afriikaa kibbaa hojii baraarsaa kana deggraa turan. Torwer waa’ee hojjettuu garee baraarsaa saree ishee waliin utuu laga Msunduuzii keess nama oolchuuf barbaadaa turtee liqimfamtee VOAf bilbilaan ibsanii jiru.

“Akkuma roobi dabalaa adeemeen, lafti jiidhaa deemee dhoqqeen heddummaatee mucucaachuuf sababaa ta’e. sun immoo nuyiif balaa guddaa dha. Nama qaama garee sanaa ta’e dhabuun hunda keenya irraan dhiibbaa geessise. Miseensa nu duraa du’etti hundumti keenya ni siqna. Kun immoo dhugumatti ilaalcha hojii baraarsaaf jiru jijjiira” Jedhan.

Yuniversitii Maandeellaatti barsiisaa kunuunsa fayyaa yeroo hatattamaa kan ta’an Trower akka jedhanitti, haalli qilleensaa jiraatus, gareen baraarsaa dilbata darbe reeffa namoota ja’aa argee jira. Yoo xiqqate namoonni 443 d’uu isaanii fi kudhanii ol kanneen ta’an achi buuteen dhabamuu angawoonni beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG