Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abboonni Amantii Tigraay Washington DC Keessatti Hiriira Geggeessan


Abboonni amantii lammiiwwan Tigraay Itiyoophiyaa keessatti kan uumame beelli harki namaa fidee fi gosa irrattti hundaa’e kan lammiiwwan Tigraay irratti fuuleffate akka dhaabatu gaafachuuf waajjira ministeera dhimma alaa Yunayitid Isteetis fuulleetti roobii kaleessaa Onkoloolessa ja’a hiriira geggeessanii jiran.

Hordoftoonni amantichaa dhibbaan laka’aman illee abboota amantii kana waliin ta’uu dhaan hiriira ganama sa’a afuritti jalqabame kanatti makamaniiru. Abboonni amantii kun akka ibsanitti wal waraansi dhaabatee gargaarsa namoomaaf danqaa male daandiin akka saaqamu gochuuf angawootaaf waamicha gochuun itti gaafatama isaanii ta’uu dubbataniiru jechuun Sara Fessehaye bakka hiriira sanaatti argamuun gabaasteetti.

XS
SM
MD
LG