Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaanni Injifannoo Adwaa Ciminnii fi Murannoon Kan Itti Mul’atee Dha: Prezidaant Saahilewerq Zewdee


Gaara Solodaa jala magaalaa Adiwaa-tti kan kabajame ayyaana Adwaa irratti kan argaman prezidaant Saahile Werq Zewdee ayyaanni Adwaa koloneeffattummaa injifachuu kan ibsee if aduun bilisummaa akka ba’u kan godhe jedhan.

Ayyaanni Injifannoo Adwaa Ciminnii fi Murannoon Kan Itti Mul’atee Dha: Prezidaant Saahilewerq Zewdee
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:12 0:00

Ayyaanni injifannoo Adiwaa rakkoo keessoo ka biroo caalaa walabummaa Itiyoophiyaaf ilaalcha kennuu dhaan biyya walaba taate tursuun danda’ameera jedhan.

Uummanni Itiyoophiyaa walabummaa fi mirga biyyaa ilaalchisee eenyuufuu obsa hin qabaanne kan agarsiise jedhan prezidaanti Saahilewerq.

Dhala namaa gidduu kan ture madaalli sirrii hin taane gara qixxummaa uumaan kennetti haa deebi’u sagaleewwan jedhan akka baay’atan qooda ol aanaa kan ofii isaa gumaacheera.

Edaa koloneeffattoota injifachuun ni danda’ama miira jedhu uumuu irraa jalqabee, sochiiwwan farra koloneeffattummaa loogii sanyii bakka maratti akka kaka’an taasiseera. Itiyoophiyaa fi uummata ishee immoo fakkeenya cimina guddinaa akka ta’an taasiseera.

XS
SM
MD
LG