Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afgaanistaan Keessatti Balaan Bombii Dhaqqabe


Masjiida musleemoota Shiyaa kan amantoonni itti hedduumaatan keessatti dhohiinsa bombii Jimaata har’aa dhaqqabe

Afgaanistaan Kaaba dhiyaa kutaa Kunduuz keessa kan jiru masjiida musleemoota Shiyaa kan amantoonni itti hedduumaatan keessatti, Jimaata har’a dhohiinsa bombii humna guddhaa qabuu dhaqqabeen kanneen achii turan keessaa ajjeefamuu fi madaa’uun ibsamee jira.

Balaa kanaaf battalumatti itti gaafatama kan fudhate kan hin jirre yoo ta’u, namoonni lakkoobsaan hedduun miidhamuu isaanii ilaalchisee gabaasa ba’ee akkaan yaaddeessa ta’u Tokkummaan mootummootaa Twitarii irratti ibsee jira.

Gabaasaaleen jalqaba baaseen namoonni ajjeefamanii fi mada’an 100 kan caalaa ta’u qaamnii Tokkummaa mootummootaa kan Afgaanistaan keessaa Twitarii irratti barreessee ture,.

Dubbii himaan mootummaa Taaleebaan Zaabiihullaa Mujaahid haleellaan kun dhaqqabuu mirkaneessuun, namoonni biyyatti hedduun ajjeefamuu fi madaa’uu ibsan.

Humnootiin Taaleebaan achii waan turaniif jecha qorannaan gaggeeffamaa jira jechuu bira taranii gad fageenyaan kan dubbatan hin qaban.

Yaadawwan Ilaali (5)

XS
SM
MD
LG