Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akkawoon Baaraak Obaamaa Du’aan Boqotan  


Faayilii - Prezidaantii Yunaayitid Isteetis duraanii Baraak Obaamaa akkawoo isaa wajjin
Faayilii - Prezidaantii Yunaayitid Isteetis duraanii Baraak Obaamaa akkawoo isaa wajjin

Akkawoon prezidaantii Yunaayitid Isteetis duraanii kan Baraak Obaamaa Saaraa Obaamaa umurii isaanii waggaa 99tti Keessatti du’aan boqotan.

Intalli isaanii akka jedhanitti Saaraan kan du’an hospitaala Jramogii Ogingaa Odiingaa kan Kisumu jiru keessatti wal’aansi godhamaafii uguu jiruu ti.

Sarah Obamaa akaakayyu Prezidaanticha Ameerikaa duraaniitti heerumanii abbaa Baraak Obaamaa guddisuu gargaaraniiru.

Prezidaantichi duraanii eraa Twitter isaanii irratti maxxansaniin akka jedhanitti “From his Twitter account Monday, the former president said, “Anii fi maatiin koo akkawoo koo jaal’atamtuu Saaraah Ogweel Onyaangoo Obaamaa kan hedduu biratti maqaa “Daanii” jedhamuun beekaman dhabuu keenyatti gaddaa jirra.” Akkaan isaanin yaanna. Garuu immoo waggoota isaanii dheeraa fi jireenya isaanii ajaa’ibsiisaa ni kabajaan yaadanna jedhan.

Obaamaan ijoollee ta’anii akkawoo isaanii utuu hin argin bara 1988 ennaa Keeniyaa daawwatan wal argan. Garuu hariiroon isaanii waan cimeef bara 2009 ennaa isaan prezidaantii ta’uun hirbuu seenan argamaniiru.

Saaraa Obbaamaa jaalalaan keenyaa keessatti Aayyoo Saaraa jedhamuun kan beekaman yoo ta’u ijoollee maatii hin qabaanne gargaaruu dhaan maqaa gaarii horataniiru. Dhaabbata Aayyoo Saaraa jedhu hundeessuu dhaan ijoollee maatiin irraa du’aniif meeshaalee barnootaa, unifoormii fi fedhii wal’aansa fayyaan kennuun deggeranii jiru. Hojii isaanii kanaan guyyaa dubartoota hojii uuman kan tokkummaa mootummootaa irratti bara 2014 badhaasa deggeraa barnootaa argataniiru. Muummichi ministeeraa Keeniyaa duraanii Raailaa Odiingaa illee

Muummichi ministeeraa Keeniyaa duraanii Raila Odinga Saaraa Obaamaa “ Akkawoo umurii isaanii irra hojii darbaa hojjetan jechuun Twitter irratti barreessuun galateeffataniiru.

XS
SM
MD
LG