Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abukaatoon Amboo keessatti Hidhaman Mana Murtiitti Hin Dhiyaatiin Jiru


Amboo, Oromiyaa
Amboo, Oromiyaa

Hidhamtoota 200 oliif abukaatoo kan ta’anii fi filannoo yeroo dhumaaf Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffameen dorgomaa Kongreesii Federaalawaa Oromoo kan turan Obbo Dhaabaa Cufaa torban lama dura waajiira isaanii keessaa qabamanii kan hidhaman ta’u maatiin isaanii ibsanii jiru. Hanga har’attis mana murtii duratti kan hin dhiyaanne yoo ta’uu waajiira polisii godina Shawaa Lixaa keessatti hidhamanii jiru.

Maatiin dhaqee dubbisaa fi nyaatas ta’e uffata geessaafii kan jiran ta’uu ibsanii gamaa fi gamas dhaabannee wal dubbifna jedhu.Abbaa ijoollee torbaa kan ta’an Obbo Dhaabaa Cufaa haati warraa isaanii hojii kan hin qabne waan ta’aaniif gara fuula duraatti maatiin rakkoof saaxilama yaaddoo jedhu akka qaban ibsan.

Hogganaan waajira polisii godina shawaa lixaa komaandar Tesfaa Sillaasee Nagaraa waa’ee hidhamuu Obbo Dhaabaa Cufaa hin beeku jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG