Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaa keessati Guyyaan Uummata Ganamaa harraa kabajamee oola


Guyyaan Uummata Ganamaa Austen, Teeksas keessati yeroo kabajamu, Onkoloolessa 9, 2021
Guyyaan Uummata Ganamaa Austen, Teeksas keessati yeroo kabajamu, Onkoloolessa 9, 2021

Yunaayitid isteets keessatti Guyyaan Wixaata hara’a sadarkaa feederaalatii guyyaa Kolombos ykn guyyaa uummata ganamaa jedhamee yaadatamaa.

Guyyaa kun baraa 1971 jalqabee akka ayyaana feederaalatti akka ayyaanefatamu kan taasifame nammii Kiristoofer Kolombos jedhamu bara 1492 awuroopaa dhaa irraa ka’ee guyyaa inni lafa Ameerikaa jedhamuu irraa qobateedha.

Bara sana namoottaan dursanii lafichaa irraa tura irraatii Hookkora, dhukubaaf gidiraa gahe yaadachuudhaaf chechuun dhiyeenyaa kanaa as guyyichii akka guyyaa uummata ganamaa ta’ee akka kabajamuu fi guyyichii akka irraa deebi’amee xiinxalamu taasifamaa jira.

Prezidaantiin U.S Joo Baayidan torban darbe guyyaan Wixataa hara’aa akka guyyaa Uummata ganamaa ta’ee yaadatamu beekumsa kennan.

Raawwatama baraa Sanaa isa madaa qabeessaa sana hiraanfachuun akka hin barbaachifne kan yaadachisan Baayiden,

Gocha keenyaa darbe isa leeyyaasisaa awwaallee bira darbuu hin barbaannu,ifattii baasuu qabna. Waa’ee isaa dubbachuudhaaf waan danda’ame hunda gochuu qanba. Kun akka biyyaatti ulfina nuqabnuuf madaallidha jedhan.

Kuutaan biyya U.S Oriigen guyyaa hara’aa kana akka guyyaa yeroo jalqabaatiif akka guyyaa uummata ganamaa Kabajuu jalqaba.

Kutaan biyya U.S 12 guyyaa hara’aa akka guyyaa namoottan ganamaa biiyatii keessa turaaniitti kabajanii oolu.

Magaalota Niwu Yoorkiif Chikaagoo keessatti waggaa darbee sababa koroonaatiin kan ituu hin ta’in hafee hiriirri fi doo’iin guddaan daandii irratti taasifamuu guyyaa hara’aa akka taasifame beekameera.

XS
SM
MD
LG