Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Amerikaa Paakistaan Seenee Jira 


Jila AMeerikaa Paakistaanitti imale, Onkoloolessa 8, 2021
Jila AMeerikaa Paakistaanitti imale, Onkoloolessa 8, 2021

Mgaalaa galma amootummaa Paakistaan Izlaamabaad kan seenan itti aantuu ministriin haajaa akaa Amerikaa Weendii Sharman, jimaata har’a hogganoota paakistaan waliin Afgaanistaan Taalibaan bulchaa jiruu fi walta’iinsa Amerikaa fi Paakistaan gidduu jajjabeessuu irratti dubbatanii jiru.

Sharman Hindii irraa kamiisa kaleesaaa galgala Izlaamabaad kan seena yoo ta’u prezidaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baaydiin aangoo eega qabatanii as, Diploomaatiin gameettiin sadarkaa olaanaa biyya sana ennaa deeman kun ka duraati.

Hariiroon Amerikaa fi paakistaan gidduu daddaaqaa kan ture ta’uus ituu hin yaadamiin Taalibaan Afgaanistaaniin to’achuun immo, akka hariiroon kun jajjabaatu dirqisiisee jira.

Daawwannaa isaanii duraa Kanaan Sharman, gorsaa waa’ee nageenyaa kan Paakistaan moeed Yusuuf waliin erga wal arganii booda, marii sadarkaa jilaa kan ministrii dantaa alaa paakistaan Mehmood Qureshi waliin gaggeessan.

Mariin gaggeeffamees hegeeree Afgaanistan akkasumas kan barbaachisaa fi yeroo dheeraaf ture hariiroo biyyoota lameenii irratti akka ture ibsamee jira.Rakkoo kutaa fi addunyaa mudatan irratti fulleefachuu itti fufuuf fedhiin akka jiru sharman ergaa Twitarii irratti barreessaniin ibsan.

Mootummaan Taaleebaan kan Afgaanistaan keessaa nagaa fi tasgabii fiduuf akkasumas, lammiwwan biyyattiif waan foyya’ee hojjachuuf akka carraaqu abdii qaba jechuun Qureshi jila Amerikaatti himuu isaanii waajirri isaanii ibsee jira.

Kana malees hawaasnii addunyaa Afgaanistaan keessatti qooda gaarii qabaatee dinagdee biyyatti waariinsa qabu ijaaruun rakkoo uummata Afgaanistaan hanqiisuun akka danda’amutti, gargaarsa dhala namaa fi maallaqaa akka gumaachan gaafatan.

Hariiroon Amerikaa fi Paakistaan gidduu haala dhaabataa ta’een jiraachuunis barbaachisaa ta’u ibsanii jiru Qureshi.

XS
SM
MD
LG